Yuunvarsiitiiwwan barattootaa ogummaa adda addaan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Yuunvarsiitiwwan garaagaraa barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa turan har’a eebbisiisaniiru.
Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee barattootaa ogummaa garaagaraan sagantaa idilee fi idileen ala barsiisaa ture kuma 1 fi 741 eebbisiseera.
Digirii jalqabaan barattoota kuma 1 fi 281, Digirii 2ffaan barattootaa 459 fi digirii 3ffaan yeroo jalqabaaf barataa 1 eebbisiiseera.
Barattoota yuunvarsiitich har’a eebbisiise keessaa 315 dubartoota ta’uu ibsameera.
Yuunvaarsiitiin Boongaas barattoota ogummaa garaa garaan sagantaa ildilee fi idileen alaan barsiisaa ture 827 eebbisiiseera.
Yuunvarsiitiin Dabra Taaboris marsaa 7ffaaf baratoota ogummaan 39 oliin barsiisaa ture kuma 2 fi 518 eebbisiiseera.
Barattoota kuma 2 fi 486 digirii jalqabaan, barattoota 32 Digirii 2ffaan eebbisiiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment