Yuunvarsiitiiwwan 4 gidduutti dorgommiin kalaqa hojii Agroo-indaastirii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiiwwan Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa, Hawaasaa, Dabra Maarqoosii fi Baahir Daar  gidduutti dorgommiin kalaqa hojii Agroo-indaastirii gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Dorgommichi damichaan dargaggoota 5 yaadaa fi oomisha fooyya’aa dhiyeessan adda baasuun kan xumuramu ta’uu Ministeerri Hojii fi Kalaqaa ibseera.

Barattoota kanneeniif yuunvarsiitiiwwan turanitti deeggarsi taasifamaa turuu bakka bu’aan Gamtaa Awurooppaa obbo Tarreessaa Jaallataan himaniiru.

Dargaggootaa fi dubartootaaf damee agro-indaastiriin carraan hojii akka uumamuuf gama proojektii Gamtaa Awurrooppaa fi qaamolee biroon odeeffannoo fooyya’aa akka qabaataan taasifamuu ibsaniiru.

Bakka bu’aan dhaabbata gargaarsa Jarman/GIZ Laariis Fiicheel gamasaaniin bara baraan dargaggoonni addunyaa hojiitti makaman badhaadhina biyyattiif carraa guddaa ta’uu ibsuun dhaabbilee barnootaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dorgommii kanaan gareen 17 yuunvarsiitiiwan isaanii bakka bu’uun oomishaalee isaanii qabatanii argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment