Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Walqixxee Raayyaa Ittisa Biyyaaf Deeggarsa Birrii miiliyoona 25 fi kuma dhibba 9 fi kuma 55 fi 955 ol taasisuu ibsame.
Yuunvarsiitichi kanaan dura deeggarsa meeshaalee garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisuu Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Faaris Daliil ibsaniiru.
Yuunvarsiitichi deeggarsa yeroo 4ffaaf taasiseen deeggarsa maallaqaa dabalataan sangoota 100 fi shukkaara kuntaala 120 kennuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Deeggarsi yuunvarsiitichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Deeggarsa taasifameef walitti qabaan koree sassaabbii deeggarsaa Federaalaa fi Naannolee Dooktar Tamasgeen Burqaa galateeffataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.