Yuunvarsiitiin Walaayittaa Sooddoo Barattoota 270 gosa barnootaa garaagaraan barsiisaa ture eebbise

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Barattoonni Yuunvarsiitii Aksum, Addigraatii fi Waldiyaa sababa rakkoo nageenyaan barnootaa isaanii Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti hordofaa turan eebbifamaniiru.

Sirna eebba kanarrattis Preezdaantiin Yunvaarsiitiichaa Proofeesar Taakkalaa Taaddasaa, itti aanaa Preezdaantiin dhimmoota Akkaadaamii Dooktar Mulaatuu Dee’aa fi maatiin barattootaa argamaniiru.

Ministeerri Barnootaa Barattoota sababa rakkoo nageenyaan Yuunvarsiitiwwan Kaaba biyyattiitii barnoota isaanii adda kutan 726 Yuunvarsiitiwwan garaagaraatti ramaduun barachaa jiraachuun kan yaadatamuudha.

Guyyaa har’aas Barattoonni Yuunvarsiitii Aksum, Addigraatii fi Waldiyaarraa Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti ramadamuun barnoota isaanii hordofaa turan 270 eebbifamaniiru.

Abbabach Keeshaamoo fi Mallasaa Taaddasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment