Yuunvarsiitiin Samaraa deeggarsa Yuunvarsiitiwwan adda addaarraa argate obbo Awwal Aarbaaf dabarsee laate

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Samaraa deeggarsa lammiilee qa’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif oolu Yuunvarsiitiwwan adda addaarraa argate Preezdaantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf dabarsee laateera.
Yuunvarsiitiin Samaraa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun iddoolee garaagaraa qubatanii argamaniif deeggarsa akka taasiisan waamicha taasiiseen Yuunvarsiitiwwan 6 deeggarsa meeshaalee garaagaraa fi midhaan nyaataa Yuunvarsiitichaaf dhiyeessaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Mahaammad Usmaan deeggarsa Yuunvarsiitiin Samaraa fi Yuunvarsiitiwwan 6 taasiisan Preezdaantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf kennuu isaanii ragaan Yuunvarsiiticharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment