Yuunvarsiitiin Salaalee bara barnootaa 2013tti gosa barnootaa 9 barnoota digirii 2ffaa eegaluufi

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC) –Yuunvarsiitiin Salaalee bara barnootaa 2013tti,gosa barnootaa haaraa sagaliin digirii lammaffaa eegaluuf haalduree xumuruu beeksise.
 
Yuunvarsiitiin Salaalee erga hundeeffamee waggaa 4 kan hin caalle ta’us, hojiiwwan qorannoo fi qoo’annoo hawaasa fayyadamoo taasisan hojjechuu bira darbee,gosa barnootaa 30n barattoota kuma 5 ol digirii jalqabaan simatee barsiisaa jira.
 
Yuunvarsiitiichi akkuma dhaabbilee barnootaa olaanoo biroo ,sababa weerara vaayrasii koroonaan hojii barnoota idillee erga adda kutee baatii lakkoofsiseera.
 
Bara barnootaa 2013f qophiiwwan garaagaraa taasisaa jiraachuu Yuunvarsiitii Salaaleetti itti aanaan preezdaantii fi Bulchinsa dhimma barattootaa Dooktar Tsaggaayee Dayyuus Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiitti himaniiru.
 
Ergamni dhaabbillee barnootaa olaanoo inni guddaan hojii baruu fi barsiisuuti jedhan Preezdaantiin Yuunvarsiitii Salaalee Dooktar Ganaanaw Goofee.
 
Dooktar Ganaanaw ,yuunvarsiitichi gosa barnootaa 30n barattoota kuma 5 digirii jalqabaan barsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Bara barnootaa 2013tis gosa barnootaa haaraa 9n digrii 2ffaa jalqabuuf qophii xumureera jedhan.
 
Dabalataan bara barnootaa 2013tti Yuunvarsiitiin Salaalee bulchiinsa magaalaa Fiichee waliin ta’uun mana barumsaa moodeela ta’e tokko ijaarsiisaa jira jedhan.
 
Manni barumsaa kun barattoota ciccimoo godinichaa addatti barsiisuuf tajaajila jedhaniiru.
 
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment