Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa fi Amboo Barattoota ogummaa garaagraan Barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Yuunvarsiitiin Amboo Kaampaasiiwan isaa 4 keessati barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 5 fi 615 eebbisiise.
Eebbifamtoota keessaa 356 digirii lammaaffaa, 6 digirii sadaffaa/PHD/, 20 hakima yaalaa/dooktareeti/nii fi kanneen hafan ammoo digirii jalqabaa ta’uu ibsameera.
Yuunivarsiitichi barattoota 6 digirii sadaffaa /PHD/n eebbisuu yeroo jalqabaaf ta’uu eerameera.
Eebbiffamtoota keessaa kumni 1 fi 640 barattoota shamarranitti jedhameera.
Oduma walfakkaatuun Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa barattootaa gosa barnootaa adda addaatiin barsiisaa ture kuma 4 fi 192 eebbisiiseera.
Barattoota eebbifaman kanniin keessaa kumni 3fi 789 digirii jalqabaa, 403 ammoo digirii 2ffaatiin eebbifamaniiru.
Eebbifamtoota kanneen keessaa kumni 1 fi 626 dubartoota ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment