Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa Afaan Oromootin barnoota digirii jalqabaa fi gosoota barnoota sadiin digirii 2ffaa eegalufi.
Yuunvarsiitichi dhimmicharratti hayyoota yuunvarsiitiiwwan naannoo Oromiyaa garaagaraa waliin mari’ateera.
Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa /”Oromia State University”/ afaan Oromootin digirii jalqabaa fi ikoonoomiiksii misoomaa, bulchiinsa biiznasii fi hoggansa proojaktiitin digirii 2ffaa barsiisuu eegaluuf mari’ateera.
Waltajjicharratti hayyuuleen Yuunvarsiitiiwwan naannoo Oromiyaa, Finfinnee, Arsii, Madda Walaabuu kaariikulamii sagantaalee barnoota kanneeniirratti marii bal’aa taasisaniiru.
Itti aanaan preezdaantii akkaadaamii yuunvarsiitichaa Dooktar Mulunah Hedatoon yuunvarsiitichi bu’aa hawaasaaf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Iddoosaa Abdii