Yuunvarsiitiin mootummaa naannoo Oromiyaa ijaarsa biyyaarratti kora gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin mootummaa naannoo Oromiyaa kora ijaarsa biyyarratti xiyyeeffatu magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.
 
Yuunvarsiitiin mootummaa naannoo Oromiyaa galma Abbaa Gadaa Adaamaatti mataduree ‘Ce’umsa Hawaas -diinaggdee ijaarsa biyyaaf’ jedhuun qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin kora gaggeessaa jira.
 
Kora kanarratti barreeffamoonni garaagaraa dhiyaachuun mariin taasiifameera.
 
Qorannoowwan dhiyaatan jijjiirrama hawaas-diinagdeerratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u rakkoowwan jiranii fi furmaata isaanii kan of keesstti qabateedha.
 
Biyya ijaaruuf sirna mootummaa cimaa qabaachuun murteessaa ta’uu eerrameera.
 
Sirna mootummaa cimaa ijaaruuf ammoo seektaroonni hundi tajaajila ummataa giddugaleessa godhate kennuu akka qaban barreeffamonni dhiyaatan qeeqaniiru.
 
Jijiirama fiduuf aadaa fi safuu uummataa kabajuu fi qabatamaadhaan gara hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
 
Kora kana irratti bakka buutoonni yuunvarsiitoota garaagaraa, dhaabbileen mootummaa fi miti-mootummaa, abbootiin Gadaa fi haadholiin Sinqee hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment