Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Mattuu raayyaa ittisa biyyaa adda waraanaatti diinaa falmachuun aarsaa kaffalaa jiruuf deeggarsa Birrii miiliyoona 21 ol taasiseera.
Yuunvarsiitichi haala yeroorrattis hayyootaa fi hojjettoota isaa waliin marii gaggeesseera.
Mariichaanis dhimma birmadummaa biyyarratti qooda isaanirraa eegamu akka ba’aniif waliigalteerra ga’aniiru.
Yuunvarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinatti carraa hojii uumuu, misooma naannichaa fi dhimma biyyaarratti gahee irraa eegamu gumaachaa jiraachuu ragaan BDHKMNO irra argame ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.