Yuunvarsiitiin Mattuu barattoota haaraa 2014 ramadaman simachaa jira

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Mattuu barattoota haaraa bara 2014 ramadaman simachaa jiraachuu yuunvarsiitichi beeksiseera.

Sirna simannaa kanarratti Itti aantonni Preezdaantii yuunvarsiitichaa, Daayrekteroonni, Diiniiwwan Kooleejjiiwwanii fi Manneen Barnootaa, hojjettoonni bulchiinsaa, akkasumas Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu dabalatee Abbootiin Gadaa, Abbootiin amantaa fi Jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Barattoota haaraa ramadamanii gara yuuniivarsiitichaa dhufaniif Itti aanaan preezdaantii Dhimma Barnootaa fi bakka bu’aan Preezdaantii Dooktar Lataa Dheeressaa ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniiru.

Yuunvarsiitichi itti gaafatamummaa dhaloota qaruu itti kenname galmaan ga’uuf barattoota ramadamanii dhufan barsiisee gahoomsee eebbisiisuudhaaf qophii ta’uu himaniiru.

Yuunvarsiitiin Mattuu waliigala kaampaasota lamaanitti barattoota kuma 4 fi 500 simachaa jiraachuu ragaan fuula miidiyaa yuunvarsiitichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment