Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu Kaampaasiin Shaashamannee,barattoota Kaampaasii Dodolaatti barsiisaa ture eebbisise

Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu Kaampaasiin Shaashamannee,barattoota Kaampaasii Dodolaatti barsiisaa ture dabalatee,barattoota 536 gosa barnootaa garagaraatin barsiisaa ture eebbisiiseera.

Sirna eebbaa kanarrattii, Diiniin Kaampaasii Shaashamannee Dooktar Biiftuu Gadaa barattootaan baga gammaddan jechuun,Kaampaasicha gara Yuunvariistitti ol guddisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Preezdaantiin Yuunvaristii Madda Walaabuu Dooktar Ahmad Kaliil,kaampaasi Shaashamannee irratti ijaarsa dabalataa ijaaraa jiraachuusaanii ibsuun, baroota itti aananitti,gosoota barnootaa ol guddisuun barsiisuuf karoorfamu himaniiru.

Keessummaan kabajaa sirna eebbaa kanarratti argaman Dooktar Dalaasaa Bulchaa ergaa dabarsaniin barattoonni har’a eebbifaman rakkoo hawaas-diinagdee biyyaa furuuf cimanii hojjechuu qabu dhaaman.

Kana malees,barattoonni eebbifaman kunniin jireenya walxaxaa keessatti furmaata ta’uu akka qabaniifii,rakkoo kamiifuu harka kennuu akka hin qabne dhaamaniiru OBN.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment