Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jigjigaa barattoota ogummaa Fayyaa fi Muummee barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 478 eebbisiiseera.
Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitichaa fi Muummee Barnootaa adda addaan digirii jalqabaa fi 2ffaan barattoota barsiisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Yuunvarsiitichi hojiilee babal’inaa adda addaa hojjechaa jiraachuu fi sadarkaa Dooktoreetiin barnoota laachuu jalqabuuf qophii duraa xumuruu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Jigjigaa Dooktar Bashir Abdulaahiin ibsaniiru.
Akkasumas Yuunvarsiitichi kutaalee hawaasaa naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiisaa jiraachuu ragaan Fuula Yuunvarsiitii Jigjigaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.