Yuunvarsiitiin Haramayaa Sanyii Filatamaa Qonnaan bultootaaf kenne

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) –Yuunvarsiitiin Haramayaa Sanyii Filatamaa Qonnaan Bultoota 500f kenneera.
Yuunvarsiitichi Sanyii filatamoo Boqqolloo fi Bolloqqee dabalatee gosoota midhaanii garaagaraa kuntaala 700, Qonnaan Bultoota naannoo Yuunvarsiitichaatti argaman 500f raabseera.
Sanyiiwwan filatamoo yeroo gabaabaa keessatti gahu danda’an qonnaan bultootaaf deeggarsaan kennuu Itti Aanaan Preezidaantii fi Daayrekteerri Qo’annoof Qorannoo Yuunvarsiitii Haramayaa Dooktar Tasfaayee Lammaan ibsaniiru.
Wayita sanyii filatamaa argachuun rakkisaa ta’eetti Yuunvarsiitii Haramayaa qonnaan bultootaaf sanyii filatamaa rabsuu isaa Itti Gaafatmaa Waajjira Qonnaaf Qabeenya Uumamaa Aanaa Haramaayaa Obbo Shukurii Jamaal galateeffataniiru.
Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment