Yuunvarsiitiin Haramaayaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa qorichaa taasise

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Haramaayaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa qorichaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti shallagamu taasiseera.

Yuunvarsiitichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsawwan garaagaraa taasisaa turuu ibsameera.

Guyyaa har’aa meeshaalee qulqullinaa dabalatee deeggarsa qorichoota Birrii Miliyoona 1 fi kuma dhibba 5tti tilmaamamu  Hospitaala Sadarkaa 3 ffaa  Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiseera.

Nageenyaan alaatti jiraachuun dhaabbilee barnootaa fi isaan biroo gaaffii keessa waan galuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun barbaachiisa ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yusuuf ibsaniiru.

Deeggarsi Yuunvarsiitichi taasisu  kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Hogganaan Hospitaala Sadarkaa 3 ffaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Aajaja Bahaa Leetenaal Koloneel Xibabee Warquu Yuunvarsiitichi  irra deddeebi’iin  deeggarsa taasisaa turuu ibsuun galateeffataniiru.

Yuunvarsiitiin Haramaayaa  miindaa ji’aa hojjeettoonni taasisaan dabalatee waliigalaan hanga ammaatti birri Miliyoona 60 ol Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisuu ibsameera.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment