Yuunvarsiitiin Haramaayaa Aanaalee Godina Harargee Bahaa 15’f deeggarsa sanyii filatamaa Qamadii taasiise

Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramaayaa Aanaalee Godina Harargee Bahaa 15’f deeggarsa sanyii filatamaa qamadii kuntaala Kuma 1 fi 200 taasiseera.

Yuunvarsiitichi sababa waraana Kaaba biyyattiitti mudateen hanqinni sanyii filatamaa akka hin mudanneef hojjachaa jiraachuu beeksiseera.

Akka biyyattiitti oomisha qamadiin wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu hojii hojjetamaa jiru tumsuuf Yuunvarsiitiin Haramayaa deeggarsa kana taasiisuu Yuunvarsiitichatti itti aanaan Preezdaantii dhimma Qorannoo Dooktar Tasfaayee Lammaa ibsaniiru.

Dooktar Tasfaayeen sanyii filatamaa kuntaala kuma 1 fi 200 Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaatiif kenniiru.

Yuunvarsiitiin Haramaayaa Aanaalee Baabbilee fi Gola Odaatti lafa hektaara 200 irratti sanyii filatamaa baay’isuuf hojjachaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment