Yuunvarsiitiin Goondar Kaameeraa nageenyaa hojii eegalchiise

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Goondar nageenyaa barattootaa fi hojii baruuf barsiisuu karaa naga’aan itti fufsiisuuf Kameeraawwan nageenyaa 158 iddoo hicciitii kaa’uu isaa beeksiseera.
 
Kaameeraawwan kunneen sa’aatii 24:00 hordoffii fi to’annoo taasisuun odeeffannoo laachuuf ni gargaaru jedhameera.
 
Dabalataan iddoowwan rakkoo nageenyaa ta’an jedhamanii adda baafaman biroo irrattis kaameeraawwan nageenyaa qopheessuuf sirna bittaa gaggeessaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa himaniiru.
 
Baatii Onkololeessaa darbe rakkoo nageenyaa uummame keessatti qaamoolee hirmaatan ragaa kaameeraawwan irraa argameen murtee seeraaf akka dhiyaatan taasifamuun himameera.
 
Yuunvarsitichi nageenya barattootaa amansiisaa taasisuuf waraqaa eenyummaa elektirooniiksii qophaassuuf sochii taasisaa jiraachuu ragaan fuula yuunvarsiitichaarraa argame ni agarsiisa.
 
Comments (0)
Add Comment