Finfinnee , Fulbaana 29, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Finfinnee qorannoo adda addaa rakkoolee biyyaa furan hojjechaa jira jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawudee.
Preezdaant Saahilawarq Zawudee Sirna eebbaa yuunvarsiitii Finfinneerratti argamuun barattootaa fi maatii barattootaa akkasumas barsiisotaa fi qooda fudhattoota hundaan baga gammaddan jedhaniiru.
Biyyi keenya rakkoolee garagaraa keessa darbuun har’a gahuu keenyaaf rabbi haa galatu jedhaniiru.
Yeroon kun nuuf yeroo murteessadha. Kunis nuuf jalqabbii haaraadha. Mootummaa haaraa harka keessaniin filattan itti mirkanaahedha jedhan.
Qormaata hedduu darbinee har’a geenyeerra. Diinni nu diiguuf yaalus hin dandeenye. Kunis cimina uummanni keenya taasiseeniifi wareegama raayyaan ittisaa keenyaa taasiseeni jedhan.
Yuunvarsiitiin Finfinnee hangafa yuunvarsiitiiwwan biyya keenyaa waan ta’eef hojiilee fakkeenya gaarii ta’e hojjechuu qaba.
Keessattuu qulqullina barnootaarratti hojii cimee hojjechuu qabudha jedhan Saahilawarqi Zawudeen.
Tokko taanee badhaadhina biyya keenyaaf haa dhaabbannu. Jaalala waliif haa qabaannu jechuun dhaamaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeser Xaasoo W/Haannaa yuunvarsiitiichi rakkoolee garagaraa furaa jira jedhan.
Gara fulduraattis hojiilee adda addaa uummataaf bu’aa buusan ni hojjenna jedhaniiru.
Sirna eebba kanarratti Ministira Ministeera barnootaa proofeeser Biraanuu Naggaa, Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.