Yuunvarsiitiin Finfinnee miidhaa naannolee Amaaraa fi Afaarirratti qaqqabe qorachuuf akka jedhu ibse

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Finfinnee garee qorannoo fi qo’annoo hundeessuun miidhaa namoomaa fi qabeenyaa naannolee Amaaraa fi Afaarirratti qaqqabe qorachuuf akka jedhu beeksise.

Barattoota eebbifamtoota garaagaraa miidhaa namoomaa fi qabeenyarratti qaqqabe qorataniif deeggarsa kan taasisu ta’uu yuunvarsiitichi ibseera.

Naannolee kanneenitti sababa waraanaan miidhaa namoomaa fi qabeenyaa qaqqabe gareen qo’annaa dirree taasisu  hundaa’ee hojii qorannoo fi qo’annoo eegaluu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Xaasoo Waldahaannaan ibsaniiru.

Argannoon qorannichaa  garee shororkeessaa miidhaa kana qaqqabsiise seenaan akka isa gaafatuu fi hojiilee qorannoo fi qo’annoo fuulduraatiif galtee  ta’uu  kaasaniiru.

Miidhaaleen qaqqaban hundi haala qindaa’aa ta’een qoratamanii dhalootni dhufu gara jabina garee shororkeessaa ABUT akka hubatuu fi qormaata seenaa Ityoophiyaan keessa darbite qindeessanii kaa’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Hojii qorannoo fi qo’annoo kana cinaatti yuunvarsiitiiwwan garee kanaan miidhaa cimaan irra ga’e kanneen akka Yuunvarsiitii Waldiyaa, Makaane Salaam, Walloo fi kanneen biroo deebisanii dhaabuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Yuunvarsiitiiwwan barbadaa’an deebisee dhaabuuf yuunvarsiitichi koree hundeessee gara sochiitti galuu Proofeesar Xaasoon ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment