Yuunvarsiitiin Finfinnee dhimma Barataa Biiniyaam Isaayyaas irratti murtoo dabarse

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Finfinnee dhimma Barataa Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitichaa Biiniyaam Isaayyaas tibbana ijoo dubbii ta’ee turee  ilaalchisee guyyaa har’aa murtoo dabarseera.

Barataa Biiniyaam barataa waggaa 4ffaa ta’ee osoo jiruu uumamaan harki isaa bitaa miidhamaa ta’uu barsiisotaan erga adda baafamee booda miidhaan kun barnoota fayyaa akka itti fufuuf kan isa dandeessisu akka ta’e haa ilaalamuuf gara waajjira diiniitti qajeelfamuu eerameera.

Yuunvarsiitichi, kolleejjichii fi qaamoleen dhimmamtootaa baatiiwwan 8 darbaniif dhimma isaa ilaalaa turuu yaadachiisuun, dhimmicharratti marii hedduu taasisaa turuu yaadachiiseera.

Dabalataanis yuunvarsiitiin ala qaamolee dhimmamtootaa waliin marii taasisuufi wantoota bu’uuraa dhaabbilee fayyaa irratti hojiimaata teeknikaa sakatta’uu ibsameera.

Hojiimaata argateenis deeggarsa bu’uuraa fayyaa kennuuf ulaagaalee ogeessi fayyaa tokko guutuu qabu Yuunvarsiitichatti Daayrektarri Olaanaan Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Dooktar Andu’aalam Dannaqaa akka itti aanutti ibsaniiru.

Haaluma kanaan:-

Gosa barnootaa 8 sagantaa eebbaan dura kennaman keessaa barataa Biiniyaam gosa barnootaa 5 barachuufi ogummaa isaa hojiitti hiikuuf kan rakkatu ta’uu waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Yuunvarsiitichi rakkicha yeroon adda baasuun filannoowwan biro fudhachuu dhabuusaatiinii fi miidhaa haamilee baraticharra ga’eef itti gaafatamummaa kan fudhatu ta’uu beeksisaniiru.

Yeroo itti aanutti adeemsa baratichi barnoota isaa hordofu keessatti deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Qonjit Zawudeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment