Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa Raayyaa Ittisaa fi lammiilee kutaalee biyyaattii garaagaraa buqqa’aniif deeggarsa taasiiseera.
Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan gaggeessaa jiru cinaa kan dhaabbatu ta’uu Itti aanaan Preezdaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Dooktar Salamoon ibsaniiru.
Midhaan nyaataa, meeshaalee manaa, Qulqullinaa fi Uffataalee Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamu deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsa buqqaatootaaf taasiise Yuunvarsiitiin Walloof, kan Raayyaa Ittisaa ammoo Yuunvarsiitii Dabra Taabooriif laateera.
Allebbaachoo Abaataatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment