Yuunvarsiitiin Dambii Doolloo Faawundeeshiniin Dooktar Nagaasoo Gidaadaa waliin hojjechuuf waliigalte mallateesse

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) –Yuunvarsiitiin Dambii Doolloo Faawundeeshiniin Dooktar Nagaasoo Gidaadaa  waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.

Sirna waliigaltichaa kan raawwataan Preezdaantiin Yuunvarsiitii Dambii Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee fi Preezdaantiin Faawundeshinichaa fi Haadha warraa Dooktar Nagaasoo kan ta’an Aadde Ragiinaa Abeeltiidha.

Dooktar Lataa Tasfaayee akka jedhanitti Faawundeshinii kana waliin dhimmoota baruu fi barsiisuu, carraa barnoota barattootaa fi barsiisota yuunvarsitichaaf mijeessuu, akkasumas dhimmota biroo hojjechuuf waliigalticha kan mallateessan.

Aadde Ragiinaa Abeelt, waliigalteen mallatta’ee hojiilee Dooktar Nagaasoon eegalan akka galmaan gahuuf ni gargaara jedhan.

Yuunvarsitiin Dambii Doolloo Mana Barumsaa Moodelaa maqaa Dooktar Nagaasoo Gidaadaan moggaasuu isaaf galateeffachuu ragaan fuula Feesbuukii Yuunvarsiitii Dambii Doolloorra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment