Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitin Dambii Dolloo fi barattoonni Yuunvarsitichaa lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Kuntaala 400 taasisuu ibsame.
Yuunvarsiitin Dambii Dolloo Birrii miliyoona 1 fi barattoonni Yuunvarsiitichaa Birrii miliyoona 1 walitti fiduun walumatti qarshii miliyoona 2’n midhaan nyaataa kuntaala 400 bituun deeggarsa taasisuu Yuunvarsiitii Dambii Dollootti qindeessaan dhimma alaa Obbo Dirribaa Handaashaa ibsaniiru.
Ittaanaa Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo qaamolee deeggarsa taasisan galateeffachuun, qaamoleen biroollee fakkeenyummaa kana fudhachuun lammiilee miidhaman cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa .
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.