Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo mana barnoota qaroo dhabeeyyii ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo hawaasa naannichaa waliin ta’uun mana barnoota qaroo dhabeeyyii ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Bara 1917 Misiyoonota Ameerikaan kan hundeeffame manni barumsaa qaro dhabeeyyii Dambi Doolloo Luba Gidaadaa Soolan dabalatee namoonni hedduun kan itti baratan ture.

Bu’aa hundeeffamuu mana barumsaa kanaan carraan Qaro Dhabeeyyii Ityoophiyaa abdii kan itti argateedha.

Yuunvarsitiin Dambi Doolloo Guyyaa har’aa kana mana barumsichaa ijaarsiisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Fiixaan ba’iinsa hojii kanaafis dhaabbilee fi namoonni dhuunfaan deeggersa barbaachisaa akka taasisaa waamichi taasifamuu ragaan fuula Feesbuukii Yuunvarsiiticharra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment