Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo barattoota harka qalleeyyiif deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo barattoota harka qalleeyyii aanaalee  godina Qellem Wallaggaaf deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu ibsameera.

Yeroon kun yeroo itti lammii barumsaan qaroome itti horannuu fi dhaloota  beekumsaan ga’oomsuuf itti hojjenudha jedhan Preezdaantiin  Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa      Tasfaayee.

Yuunvarsiitiin Dambi Doolloo yeroo garaagaraatti barattoota harka qalleeyyiif deeggarsa garagaraa gocha isaa ibsameera.

Guyyaa har’aas  bakka gaggeessittoonni olaanoon Yuunvarsiitichaa fi hoji gaggessitoonni Waajjira Barnoota Godina Qellem Wallagaa argamanitti  barattoota harka qalleeyyii aanaalee godinichaaf meeshaaleen deeggarsa barnootaa taasifameera.

Deeggarsi taasifame kun Birrii Miiliyoona 3 olitti kan tilmaamamu ta’uu ragaan Yuunvarsiiticharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment