Yuunvarsiitiin Amboo sadarkaa proofeesarummaa guutuu qorataa tokkoof laate

Finfinnee, Muddee 25, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Amboo yeroo jalqabaaf sadarkaa proofeesarummaa guutuu qorataa fi barsiisaa tokkoof laateera.
Yuunvarsiitichi yeroo jalqabaaf sadarkaa Proofeesarummaa guutuu Dooktar Indiriiyaas Zawdeef laataera.
Proofeesar Indiiriiyaas waggoota 31f barsiisummaan kan tajaajilan yoo ta’u, yaala fayyaa horiirratti qorannoo 60 gaggeessuun maxxansaniiru.
Proofeesar Indiriiyaas Yuunvarsiitichi wayita sadarkaa koolleejjirra turee eegalee barsiisoota tajaajila olaanaa laatan keessaa isaan tokko ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Amboo Dooktar Taaddasaa Qana’aan ibsaniiru.
Yuunvarsiitiin Amboo waggoota kurnan dhufanitti namoota 40f sadarkaa proofeesarummaa guutuu laachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Yuunvarsiitiin Amboo yeroo ammaa barattoota kuma 27 ol barsiisaa jiraachuu fi qulqullina barnootaa eegsisuuf hayyoota ga’oomsurratti hojjechaa akka jiru Dooktar Taaddasaan eeraniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment