Yuunvarsiitiichi hojjeettootaa, dhaabbilee adda addaa isa waliin hojjetaa turanii fi qaamolee biroof beekamtii fi badhaasa kennaa jira

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)- Badhafamaa Hert Konvenshiiniin bara 2021 kan ta’ee Yuunvarsiitiin Jimmaa hojjeettootaa, dhaabbilee adda addaa isa waliin hojjetaa turanii fi qaamota biroof beekamtii fi badhaasa kennaa jira.

Yuunvarsitichii sadarkaa biyyaaleessaatti yeroo jalqabaaf kan qophaa’ee dhaabbilee barnoota olaanoo, qorannoo, teeknooloojii fi walitti hidhamiinsa qonnaa irratti konveenshiinii qophaa’ee irratti badhaafamaa kan turee yoo ta’uu, milkaa’ina isaa kanaaf immoo gumaacha olaanoo kan godhaniif beekamti kennaa jira.

Sirna beekamtii fi badhaasa kana irratti hasawa kan taasiisan preezdaantiinYuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa akka jedhanitti, hojiin milkaa’ina kun kan hojjetamee qaama hundaan waan ta’eef injiffannoo kanaaf baga gammaddan jechuuniiru.

Yuunivarsiitichii dhaabbilee barnoota olaanoo 12n keessaa gama hojii waliigalaan, madaallii qorannoo fi kanneen birootin milkaa’inni argamee hojjeetaa hundatu irratti hirmaate jedhaniiru.

Milkaa’in aargamee kana itti fufsiisuu dhaaf maaltu godhamuu dhaa qaba?,,akkamittiin deemamuu qabaarrattis? Mariin paanaalii gaggeeffamaa jira.

Sirna beekamtii kennaa kanarratti bulchaan godina Jimmaa obbo Abdulhakim Mulu, abbootiin amantaa,,barsiisonnii fi qorattoonni adda addaa argamaniiru.

Worqaafaraw Yaalewtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment