Yuunvarsiitii Walqixxeetti jila Garee Ogeeyyii Aartif simannaan taasiifame

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Jila garee ogeeyyii Aartii leenjiitoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Onnachisuuf gara wiirtuu leenjii waraanaa Xollaayitti imalaa jiruuf Yuunvarsiitii Walqixxeetti simannaa taasiifameera.
Itti aanaan Preezdaantii dhimoota Akaadaamii Yuunvarsitii Walqixxee Dooktar Habtee Duulaan baga nagaan dhuftan erga jedhan booda biyya diinarraa baraaruuf ga’een Aartii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon garichi imalaa jiru akka milkaa’uuf Yuunvarsitiin Walqixxee waan danda’u hundaan deeggarsa kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.
Lammiin hundi bakka jirutti ga’ee isarraa eeggamu yoo ba’e injifannoon hin galmoofne hin jiru jedhameera.
Miseensonni garichi simannaa Yuunvarsitichi taasiiseef galateeffataniru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment