Yuunvarsiitii Mattuutti yaa’iin qorannoo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitii Mattuutti yaa’iin qorannoo 6ffaan gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “qorannoo beekumsa biyya keessaan wal simsiisuun guddina hawaasummaa fi diinagdee biyyattii mirkaneessuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hojiileen qorannoo 86 yuunvarsiitichaa fi dhaabbilee garaagaraarraa walitti qabaman dhiyaataniiru.

Saayinsii beekumsa biyya keessaa waliin wal simsiisuu yaadni jedhu xiyyeeffannoo ijoo yaa’ichaa ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Yuunvarsiitii Mattuu Dooktar Baddiluu Takkaa ibsaniiru.

Kana hojiirra oolchuuf yuunvarsiitichi hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Beekumsa biyya keessaa guddina hawaasummaa fi diinagdeef oolchuuf akkaataa hiikkaa fi hojiimaata jechoota saayinsii sirreessuun barbaachisaa ta’uu qorataan beekumsa biyya keessaa Abdulfattaa Abduu eeraniiru.

Dabalataanis hojiilee misoomaa dhimmoota naannawaa fi biyyaalessaa ilaalcha keessa galchuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Yaa’ichi guyyaa boruus kan itti fufu ta’a.

Maasrashaa Fiqreetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment