Yuunvarsiitii Mattuu manneen barnoota sadarkaa 2ffaa godinaalee Iluu Abbaa Boorii fi Buunnoo Beeddelleef deeggarsa taasise

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitii Mattuu manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Godinaale Iluu Abbaa Boorii fi Buunnoo Beedellee keessatti wiirtuu Saayinsiifi Teekinooloojii Injineerigii fi Herregaa hundeessuuf kompiwuteroota Birrii miiliyoona 4 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiseera.

Akkasumas Yuunvarsiitiin Mattuu mana Barnootaa addaa mooraa keessatti banee barattoota cicimoo Godinaale Iluu Abbaa Boorii fi Buunnoo Beedellee irraa fudhachuun barsiisaa jira.

Mana Barumsaa kana keessattis wiirtuu Saayinsii, Teekinoloojii, Injinariingii fi Heregaa banuun Barnoota qulquullina qabu laachaa jira.

Yuunvarsiitichis wiirtuu kana gara Mannen Barnootaa sadarkaa 2ffaa 16 Godinaalee lamaanii keessaa filatamanitti babal’isuuf kompiwuteroota 400 Birrii miliyoona 4 olitti tilmaamamu bituun gumaacheera.

Kompiwuteeroonni kunis Artikiloota gosoota Barnootaa hunda qabate kuma 47 olii fi kitaabota Kutaa 9_12 of keessaa kan qabu ta’uu ibsameera .

Preezdaantii Yuunvarsitii Mattuu Dooktar Indaganaa Ababaa, wiirtuun kun Yuunvarsiiticha keessatti bu’aa gaarii fidaa waan jiruuf gara manneen barnoota hundatti akka babal’atuu fi qulqullina Barnoota Godinaale lamaanii keessatti mirkana’uuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii fi Bulchaan Godina Buunnoo Beedellee obbo Amaan Danuu deeggarsi Yuunivarsiitiin Mattuu taasise Barnoota teekinoolojiin deeggaruu fi qulquullina barnootaa mirkanessuuf qabxii barattootaa foyyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment