Yuunvarsiitii Jimmaatti leenjiin tola ooltumma gannaa eegalame

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC) – Tola ooltota dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyattii irraa walitti babba’aniif Yuunvarsiitii Jimmaatti leenjiin kennamuu eegaleera.
Leenjii kun tola ooltota yuunvarsiitiiwwan garaagaraa irraa walitti babba’an kuma 5 oliif laatamaa jira jedhame.
Tola ooltummaa agarsiiftuu aadaa waliin jireenya biyyattii ta’e caalmaatti dagaagsuuf bu’uura jedhameera.
Sagantaa baniinsa leenjii kanaa irratti Ministeera Nageenyaatti, Ministir Deettaan ministeetaa damee ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa aadde Worqinesh Birruu, Bulchaan Godina Jimmaa obbo Abdulhaakim Muluu fi Kaantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir argamaniiru.
Ministeera Nageenyaatti, Deetaan ministeetaa damee ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaa aadde Warqinesh Birruu tola ooltummaan waliin jireenya cimsuu cinaatti guddina diinagdee biyyaalessaatiif gumaacha olaanaa qabaachuu aadde Warqinesh dubbataniiru.
Dhaloota biyya isaa jaalatu, tokkummaa Ityoophiyaa cimsuu fi biyya ceesisuu keessatti qooda oaanaa qaba horachuuf hojjechaa jirra jedhan.
Leenjichi guyyoota 45 kan turu ta’uu ibsameera.
Abduramaan Mahaammaditu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment