Yuunvarsiitii Arsiitti koonfiransiin  proojektii qorannoo  Gadaa irratti xiyyeeffatu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitii Arsiitti koonfiransiin proojektii qorannoo  Gadaa irratti xiyyeeffatu gaggeeffamaa jira.

Koonfiransicharratti hayyoonni yuunvarsiitiiwwan Finfinnee, Jimmaa, Arsii fi Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo, Abbootiin Gadaa,haadholiin siinqee fi keessummoonni addaa addaa  hirmaataniiru.

Kaayyoon proojektichaa duudhaa sirna Irreechaa jabeessuuf ta’uu yuunvarsiitii Arsiitti Diiniin Koolleejjii Saayinsii Hawaasaa Dooktar Waaqoo Gadaa ibsaniiru.

Preezdaantiin Yuunvarsitii Arsii Dooktar Dhugumaa Addunyaa gama isaaniin, beekumsa biyya keessaa irraa wanti baay’een akka baratamuu danda’uu ta’uu fi rakkoolee har’aaf furmaata ta’u akka danda’an  dubbataniiru.

Rakkoolee muudatan beekkumsa aadaa ka’umsa godhachuun kan hanqate yoo jiraate itti dabaluun cimsuun furuun akka danda’amus ibsaniiru.

Duudhaan Irreechaa akkataa namoonni uumama waliin jiraatan kan barsiisu ta’uu himaniiru.

Itti aanaan preezdaantii Dhimma Qorannoo fi Tajaajila Hawaasummaa Yuunvarsiitii Arsii Dooktar Adam Kadiir hojii baruu fi barsiisuu cinaatti yuunivarsiitichi hojii qorannoon aadaa ummataa dagaagsuu fi waan dhokate baasuuf gahee qabaachuu kaasaniiru.

Irreechi Uummata Oromoo biratti akkaataa  duudha ganamaatti akkamiin   kabajamaa akka ture qorannoon adda baasuuf hojjatamaa jiraachuu eeraniiru.

Sirna irreeffannaan walqabatee Godinaalee jidduutti garaagarummaan   jiraatus miidhagina tahuun isaa beekamee fudhatamuun caalmaatti gabbachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Akkaataa sirna irreechaa godinaalee Oromiyaa garaagaraarratti  qorannoon hayyoota yuunvarsiitii garaagaraan qophaa’e hirmaattotaaf dhiyaateera.

Muhaammad Guddataatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment