Yuunvarsiitichi Lammiilee Kibba Wallootii buqqa’uun Dasee qubataniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramayyaa Lammiilee Kibba Walloo Buqqa’uu Magaalaa Dasee Yuunvasriitii Dasee keessa qubataniif deeggarsa meeshaalee taasiisuu ibsameera.
Deeggarsa meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 1.6 olitti tilmaamamu taasiseera.
Miidhaa lammiilee kanneenirra qaqqabe dandamachiisuuf gaaffii Yuuivarsiitiin Walloo Yuunvarsiitii Haramaayaaf dhiyeessen Yuunvarsiitichi deeggarsa kana taasiisuu eereera.
Yuunvarsiitiin Haramaayaa buqqaatota kanneeniif Firaashii 150, uffata qorraa 600, Ansoolaa cimdii 200, Zayita nyaataa abbaa liitira 20 jaarikaana 100, Ruuzii abbaa kg 25 lakkoofsaan 700, Mokoroonii abbaa kg 25 lakkoofsaan 700, paastaa kaartoonii 50 fi Saamunaa dhangala’aa abbaa liitira 5 lakkoofsaan 100 ta’u deeggarsa taasiiseera.
Nageessoo Kadirtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment