Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Finfinnee hayyoota yeroo garaagaraatti yuunvasiiticharraa eebbafamanii biyyoota garaagaraa taa’uun garee shororkeessaa waliin biyya diiguuf socho’an akeekkachiiseera.
Hawaasni Yuunvarsiitichaa haala yeroo biyyaalessaa fi duula birmadummaa ilaalchisee ibsa ejjennoo baaseera.
Hayyoonni muraasni oolmaa yuunvarsiitichaa fi biyyaa dagachuun garee shororkeessitootaa waliin biyya diiguuf osoo shira xaxanuu bira ga’amuu ibseera.
Hayyoonni yeroo garaagaraa yuunvarsiiticharraa eebbifamanii biyyoota garaagaraa jiranii fi garee shororkeessitootaa deeggaran gocha isaaniirraa of qusachuu akka qaban preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeesar Xaasawu Waldahaannaan ibsaniiru.
Gocha isaaniirra of hin qusatan yoo ta’e hanga seerri yuunvarsiitichaa eeyyamutti adeemamee tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu kaasaniiru.
Gama biraatiin eebbifamtoonni yuunvarsiitichaa duraaniis ta’e ammaa qabsoo biyya baraaruu eegalan cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru.
Maddi :- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.