Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Yunvarsiitiin Madda Walaabuu qorannoowwan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan gaggeessuun dubartoota diinagdeen of dandeessisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
Yunvarsiitichi dubartoota harka qalleeyyiif lukkuuwwan sanyii fooyya’aa deeggarsaan kenneera.
Preezidaantiin Yunvarsitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimad Kaliil deeggarsa kana akka ka’umsaatti fayyadamuun fi bu’aa argamu madaaluun iddoolee biroottis kan babal’isan ta’uu dubbataniiru.
Dubartoonni deeggarsii taasifameefis, deeggarsi yunvarsiitichaa kun jireenya isaanii jijjiiruuf abdii akka ta’eef eeraniiru.
Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu rakkoolee diinagdeefi hawaasummaa hawaasa naannichaa hiikuuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Wajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.