Yuuniyenichi Bunarraa galii Doolaara miiliyoona 14 argachuuf hojjechaa jira

Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Yuuniyeniin Kattaa Mudugaa Buna gabaa alaaf dhiheessuun galii Doolaara miiliyoona 14 argachuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Yuniyenichii yaa’ii isaa 8ffaa guyyaa har’aa gaggeessuu eegaleera.

Hoji Gaggeessaan Yuuniyenichaa Obbo Amiin Abbaa Fiixaa akka jedhanitti bara kana, buna baay’inaa fi qulqulinaan omishuun galii Doolaara miiliyoona 14 argachuuf hojjatamaa jira.

Bara darbe buna kuntaala kuma 130 gabaa alaaf dhiheessuun galii Doolaara miiliyoona 11.5 argachuu yaadachiisaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, Yuuniyeeniin Kattaa Mudugaa sanyii bunaa fooyya’aa baay’isuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjataa jiraachuu himan.

Xaa’oofi sanyii filatamaa miseensoota isaaf dhiheessuun ergama hundaa’eef bahataa  akka jiru kaasniiru.

Itti Aanaa Hogganaa Eejansii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Kabbadaa Dabaloo, yuuniyenichi hojiilee qonnaan bultootaa fayyadamtoota taasisuuf hojjechaa jiruun cinaatti qaala’iinsa gabaa tasgabeessuu keessatti gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Muktaar Xahaa fi Amiinaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment