Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Yuuniyeeniin Qonnaan Bultoota Amboo sanyii filatamaa boqqolloo baay’isaa ture qonnaan bultoota godina Shawaa Lixaaf raabsaa jira.
Hoji gaggeessaan waliigalaa Yuuniyeenichaa obbo Taammiruu Taakkalaa, yuniyeeniin qonnaan bultoota Amboo diinagdee qonnaan bultoota keenyaa fooyyessuuf hojiilee garagaraa milkaa’ina qabu hojjechaa jira jedhan.
Yeroo ammaa kanas sanyii filatamaan boqqolloo BH-661 ooyruu qonnaan bultoota aanaa Iluu Galaan irratti baay’ifamaa ture kuntaalli kuma 2 fi 540 raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Kanaan dura iddoo biraatti geejjibsiisaa turre kan jedhan Obbo Taammiruun sanyiin filatamaa boqqolloo yeroo ammaa qophaa’e kun qulqullina kan qabuu fi qilleensa godinichaan kan wal bare waan ta’eef callaa gaarii ni argamsiisa jedhaniiru.
Yuuniyeenoota iddoo biraa waliin qindaa’uun sanyii filatamaa midhaan gosa qilleensi naannichaa oomishuuu danda’u yoo oomishne hawaasa keenya bira dhaqqabsiisuun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbanii abbaa qabeenyaa akka ta’aniif ni hojjennas jechuun ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii godina Shawaa Lixaarra argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.