Yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa buna gara alaatti ergurraa galii doolaraa miiliyoona 11 argachu ibse

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Godina Jimaatti yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa buna gara biyya alaatti ergurraa galii doolaraa Ameeerikaa miiliyoona 11 argachu ibseera.

Waggaa afuur dura kan hundeeffame yuuniyeeniin Kattaa Mudhugaa miseensoota hedduu horateera.

Kan dura qonnaan bultoonni qofaa qofaatti buna isaanii gabaaf dhiyeessa kan turan yoo ta’u, erga yuuniyeenichi hundeeffame booda waliin ta’uun gabaa addunyaaf dhiyeessat jiru.

Kanarra darbees yuuniyeenichi sababa weerara vaayrasii koroonaaf namoota rakkoof saaxilamoo ta’an kuma 100 oliif deeggarsa taasisu ibsameera.

Yuuniyeenichi bara kana buna toonii kuma 2 gabaa alaaf dhiyeessuun doolaraa Ameerikaa miiliyoona 15 argachuuf karoorsu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment