Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Inistitiyuutii Bulchiinsaa Beejiingi waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.
Pireezidaantiin Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa Dooktar Garramoo Hulluqaan, jila Itti Aanaa Pireezidaantii Inistitiyuutii Bulchiinsaa Beejiingi Pirofeesar Chaanjii durfamu simachuun dhimmoota waliin hojjachuun dandeessisanirratti waliigaltee mallateessaniiru.
Waliigaltichis leenjii hoggansaa fi paablik saarvaantii cimsuu, gahuumsa baruu fi barsiisuu fooyyessuu, fayyadama teekinoolojii, qo’annoo fi qorannoo irraatti waliin hojjachuuf kan dandeessisuudha jedhameera.
Itti aanaa pireezidaantii Inistitiyuutii Bulchiinsaa Beejiingi pirofeesar Chaanji simmannaa yuunivarsitichi taasiseef galateeffachuun hariiroo dhaabbilee lamaan jidduu jiru cimsuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Mahaammad Guddataatu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.