Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Yuunivarsitiin Miizaan Teeppii barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture 361 guyyaa har’a eebbisiseera.
Barattoonni 322 digirii 1ffaan, 39 ammoo digirii 2ffaan kan ebbisifaman ta’uun ibsameera.
Pireezidaantiin Yuunivarsitii Miizaan Teeppii Dooktar Ahimad Musxafaa, barattoonni ogummaa barataniin, amanamummaan akka tajaajilan waamicha dhiyeesaniiru.
Haaluma walfakkatuun Yuunivarsitiin Walaayyittaa Sooddoos barattoota Saayinsii Fayyaan barsiisaa ture 804 eebbisiseera.
Pireezidaantii Eeggataan Yuunivarsitii Walaayittaa Soddoo Dooktar Guchee Gulaa, yuunivarsitichi barattoonni dandeetti isaanii akka cimsataniif barsiisoota biyya keessaaf alaan barsiisaa turuu eeraniiru.
Alamayyoo Maqaasaa fi Mallasee Taddasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.