Yuunivarsitiin Madda Walaabuu tajaajila seeraa fi gorsaa bilisaan hawaasa godina Baaleef kennaa jira

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Yuunivarsitiin Madda Walaabuu hojii baruu fi barsiisun cinatti tajaajila seeraa fi gorsaa bilisaan hawaasa godina Baaleef kennaa jira.

Yuunivarsitichaattii Muummee barnoota Seeraa baatii shanan darbanitti tajaajilamtoota harka qal’eeyyii fi namoota madda galii hin qabne 350f dhimmoota garaagaraarratti tajaajila seeraa fi gorsaa bilisaa kenneera.

Qaamooleen tajaajila goorsaa bilisaan argatanis hojii yuunivarsitichii tajaajila seeraa bilisaan keennuusaaf ragaa bahaniru.

Tajaajilamtoonni goinichaa akka jedhanitti, himannaa hanga falmiitti baasii humnaa fi maallaqaa silaa nurraa bahuu malu nurraa cufuun rakkooleen hawaasummaa isaan mudataa ture furamefi jira.

Humna dhabnus haqa hin dhabnees jedhaniru.

Hojii tajaajila bilisaa Yuunivarsitichi kennuus galateefataniru.

Akka OBN gabaasetti Yunivarsiitichi hojii tajaajila bilisaa kana daran milkeessuf Institiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Dhaabbilee Haqaa Federaalawaa waliin Magaalaa Goobbaatti mari’ataa jira.

Kaayyon marii kanaa barsiisotni fi barattoonni seeraa yuunivarsiitota adda addaa tajaajila sirna haqaa fi tajaajila seeraa akkasumas gorsaa bilisaan hawaasaa harka qal’eeyyif kennamu akkaataa fooyyessuun danda’amurratti kan xiyyeeffate tahu himameera.

Bakka bu’oonni barattootaa fi barsiisotaa seeraa maricharratti hirmaataa jiru.

Comments (0)
Add Comment