Yuunivarsitiin Jimmaa, Injinariingii Saayinsii Aviyeeshiinifi Eeroo Ispeesiin yeroo jalqabaaf barattoota simatee barsiisuufi

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Yuunivarsitiin Jimmaa, Injinariingii Saayinsii Aviyeeshiinifi Eeroo Ispeesiin akka biyyaatti yeroo jalqabaaf barattoota simatee barsiisuuf ta’uu beeksise.

Yuunivarsitichi har’a akkaadaamii Injinariingii saayinsii aviyeeshiiniifi Eeroo Ispees eebbisiiseera.

Pireezdantiin Yuunivarsitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan akkaadaamichi balallii xiyyaaraa, Eer tiraafkiing (Air tiraffiking), bulchiinsaafi too’aannoo aviyeeshiinii dabalatee gosoota barnootaa gara garaan barattoota kan leenjisu ta’uu dubbataniiru.

Bara 2017 eegalee barattoota kan simatu ta’uu eeraniiru.

Karoora damee aviyeeshiiniin qabame milkeessuu keessatti akkaadaamichi gumaacha guddaa qabaachuu Daayrektarri Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshiinii Itiyoopiyaa Geetaachaw Mangisteen dubbataniiru.

Rakkoo humna namaa damee aviyeeshiiniifi eeroo Ispeesiin jiru furuuf qooda qabaachuus kaasaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment