Yuunivarsitiin Haramaayaa Koollajjiin Fayyaa fi Saayinsii Wallaansaa barattoota 573 Sagantaalee garagaraatiin barsiisaa ture eebbise

Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Yuunivarsitiin Haramaayaa Koollajjiin Fayyaa fi Saayinsii Wallaansaa barattoota 573 Sagantaalee garagaraatiin barsiisaa ture eebbisiseera.
Barattoota eebbifaman keessaa 175 dubartoota.
Yuunivarsitii Haramaayaatti Daayrektarri Olaanaan koollajjii Fayyaa fi Saayinsii Wallaansaa DooktarYaadataa Dasee eebbifamtoonni yeroo gara hojiitti boba’an hawaasa otoo hin baratiin isaan barsiise amanamummaan tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.
Preezdaantiin Yuunivarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yuusuuf Yuunivarsitiin Haramaayaa imaammata fayyaa milkeessuuf humna namaa gahumsa qaban oomishuun guddina biyyaatiif gahee isaa Bahaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Eebbifamtoonni hawaasa isaanii amanamummaan tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.
Eebbifamtoonni hawaasa isaanii amanamummaan tajaajiluuf qophii tahuu dubbatan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment