Yuunivarsitiin Finfinnee fi Baankiin Oromiyaa waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Yuunivarsitiin Finfinnee fi Baankiin Oromiyaa waloon hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalticha Pireezidaantii Eggataa Yuunivarsitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kiflee fi Hojii Rawwachisaa Olaanaa Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnin mallatteessaniiru.
Waliigaltichi hojirra oolmaa fi rifoormii Ofiin of bulchuu Yuunivarsitii Finfinnee keessaa isaa tokko ta’uun ibsameera.

Dooktar Saamu’eel Kifleen hasaawaa taasisaniin Yuunivarsitiin Finfinnee waggoottan 73’n darbanitti hojiilee biyyaaf hojjetaman raawwii gaariin itti fufsisuuf hojjetama jiraachuu dubbataniiru.

Baankii Oromiyaa waliin waliigalteen taasifamuus damee faayinaansiin, Qorannoo fi Qo’annoon, beekumsaan, muxxannoo waljijiiruu fi dameelee biroorratti waloon hojjechuuf ta’uun ibsameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonniin gamasaaniin, Baankichi Yuunivarsiitii Finfinnee waliin hojjechuun hiikaa addaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Baankiin Oromiyaa tajaajila kennuun guddacha jiraachuu Obbo Tafariin eeraaniiru.

Layikuun Alemtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment