Yuunivarsitiin Diillaa fi Walaayittaa Sooddoo barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Yuunivarsitiin Diillaa fi Walaayittaa Sooddoo barattoota muummee barnoota garaagaraan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Haaluma kanaan Yuunivarsitiin Diillaa barattoota muummee Barnoota garaagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 300 eebbisiseera.

Saganticharratti Ministirri Ministeeraa Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggantoonni Olaanoo Yuunivarsitichaa argamaniiru.

Haaluma walfakkatuun Yuunivarsitiin Walaayittaa Sooddoos barattoota gosa barnoota adda addaan barsiisaa ture 859 ebbisiiseera.

Kanneen keessaa 671 dhiiroota fi 188 immoo dubartoota ta’uun ibsameera.

Akkasumas Yuunivarsitiin Hawaasaa fi Waraabee barattoota gosa barnoota adda addaan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Haaluma kanaan Yuunivarsitiin Hawaasaa barattoota kuma 4 fi 800, Yuunivarsitiin Waraabee ammoo barattoota kuma 1 fi114 guyyaa har’aa eebbisiisaniiru.

Comments (0)
Add Comment