Yuunivarsiitiwwan naannoo Tigraay sababa waraanaan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabanii turan gara hojii idileetti deebi’an

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiwwan naannoo Tigraay sababa waraanaan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabanii turan gara hojii idileetti deebi’uu ibsameera.

Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota kuma 2 fi Raayyaan barattoota 760 barnoota isaanii adda kutanii turan barsiisuu eegaluu ibsameera.

Haala nageenya uumame bu’uura taasiisuun Yuunivarsiitiwwan adeemsa baruu fi barsiisuu jalqabuu isaanii Itti Aanaan Pireezidaantii Akkaadaamii Yuunivarsiitii Maqalee Dooktar Abduulqaadir Kadirii fi kan Raayyaa Dooktar Naggaa Afarraan ibsaniiru.

Kutaalee sababa waraanaan miidhamanii fi bu’uuraalee misoomaa qophii taasiisuun adeemsi baruu fi barsiisuu eegalamuu dubbataniiru.

Sisaay Duulaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment