Yuunivarsiitin Haramaayaa Dooktar Adam Hiikoof proofeeserummaa guutu laate

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC)-Yuunivarsitiin Haramaayaa Dooktar Adam Hiikoof proofeeserummaa guutu laateera.

Yuunivarsiitichatti daayreektarri qunnamtii ummataa fi idil addunyaa obbo Alam Ishaat, yuunivaarsiitin Haramaayaa Dooktar Adamiif proofeeserummaa guutuu saayinsii Baayoo Meedikaalatin laateera jedhan.

Dooktar Adam bara 2000 irraa eegale sadarkaa idil addunyattii beekkamti argachuun qorannoowwan Jornaalirratti barreeffamoota 42 baasuun isaanii ni yaadatama.

Barattoota digri 2ffaan hoji qorannoo hojjeetan 16 akkasumaas ebbiifamtoota dooktarota yaala beelladaa 20 ol ta’aanif ammoo gorsaa ta’uun hojjeeta turaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment