Yuunivarsiitiiwwan sababa walitti bu’iinsaan hojii addaan kutan gara hojiitti deebisuuf  hojjetamaa jira- Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiiwwan sababa walitti bu’iinsaan hojii baruufi barsiisuu addaan kutanii turan gara hojiitti deebisuuf koreen hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Wiixata dhufurraa eegalee gareen ogeeyyii miseensota 6 of keessaa qabu daawwannaaf gara Yuunivarsiitii Aksumitti kan imalu ta’uu ibsameera.

Yuunivarsiitiiwwan Aksum, Raayyaa, Addigiraatfi Maqalee sababa walitti bu’iinsaan hojii baruufi barsiisuu addaan kutanii turan gara hojiitti deebisuuf akka ministeerichaatti koreen hundaa’ee hojjetamaa jiraachuu Ministeera Barnootaatti Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsaafi Bu’uuraalee Misoomaa Dooktar Salamoon Abrahaa ibsaniiru.

Yuuniivarsiitiiwwan kunneen hojii baruufi barsiisuu akka eegalaniif hojiin  dhimmoota bu’uuraa adda baasuu hojjetamuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment