Yuunivarsiitiiwwan hojiilee hojiirra oolchaa jiran bu’aa qabeessa taasisuuf itti gaafatamtonni damichaa xiyyeeffannaan akka hojjetan gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2016 (FBC)- Dhaabbileen Barnoota Olaanoo hojiilee jijjiiraamaa hojiirra oolchaa jiran bu’aa qabeessa taasisuuf itti gaafatamtoonni damichaa xiyyeeffannaan akka hojjetan akeekame.

Mata duree “Dhiibbaa Olaanaaf Dhaabbilee Barnoota Olaanoo” jedhuun fooramiin Pireezidantota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo gaggeeffamaa ture xumurameera.

Minister Deeta Ministeera Barnootaa Koorraa Xushneen, dhaabbilee barnoota olaanootti hojiilee jijjiiramaa murteessoo hojiirra oolaa jiran bu’aa qabeessa taasisuuf itti gaafatamtoonni damichaa xiyyeeffannaan hojjechuun gahee isaanii bahachuu akka qaban hubachiisan.

Fooramichaan sagantaalee jijjiiramaa hojiirra oolaa jiran, milkaa’inaalee fi gufuuwwan mudatan akkasumas kallattiiwwan fuuldureerratti mari’atameera.

Ministeera Barnootaa dabalatee Pireezidaantonni yuunivarsiitiiwwanii, itti gaafatamtoonni dameewwan barnootaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment