Yuunivarsiitiiwwan bara 2016’tti ergamaa fi damee xiyyeeffannoon kennameefii adda ba’aniin hojiitti seenu – Ministeerri Barnootaa

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiiwwan bara 2016’tti ergamaa fi damee xiyyeeffannoon kennameefii adda ba’aniin hojiitti kan seenan ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Yuunvarsiitiiwwan mootummaa, ergamaa fi damee xiyyeeffannoon kennameefii adda ba’aniin akka hojjetaniif kallattii kaa’ameen hojiitti akka seenaniif,qorannoon Yuunvarsiitiiwwan biyyattii hunda hirmaachise gaggeessamuun hojiitti galamuuf ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa DooktarSaamu’eel Kifleen Yuunvarsiitiiwwan ergamaa fi damee xiyyeeffannoon kennameefiin adda ba’anii akka hojjetan taasisuun qulqullina barnootaa fi damee diinagdee biyyaa guddisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Faayidaa Idil-addunyaa,biyyaalessaa fi naannoo keessatti Yuunvarsiitiiwwan qaban giddugaleessa godhachuun Yuunvarsiitiiwwan qorannoo,Saayinsii,waliigalaa fi Saayinsii fi teeknooloojii jedhamuun addaan ba’uu isaanii himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment